Shopping Cart
Your Cart is Empty
Quantity:
Subtotal
Taxes
Shipping
Total
There was an error with PayPalClick here to try again
CelebrateThank you for your business!You should be receiving an order confirmation from Paypal shortly.Exit Shopping Cart

Oromo Community of Las Vegas

Hawaasa Ilmaan Gadaa

Aadaa

Aadaan calaqqee jiruu fi jireenya saba tokkooti. Saba tokko saba kan biraa irraa waanti adda godhu ykn kan ittiin beekamu aadaa bultuma isaati. Kunis aadaa uffannaa, aadaa fuudhaa fi heerumaa, aadaa du’aa fi awwaalchaa, aadaa ayyaanotaa fi sirbaa, aadaa waliin jireenya maatii fi firaa, aadaa nyaataa fi dhugaatii, aadaa ijaarsa manaa fi meeshaa itti fayyadaman, aadaa hojii fi hormaataa, taphoota (ispoortii), akkaataa dabbasaa( rifeensa) dhahatan ykn filatan fi waan kana fakkaatan jennee bakka hedduutti addaan qoodnee ilaaluu ni dandeenya.

Sabni dinagdeen guddatee fi siyaasaan qaroome, akkasumas kanneen guddinarra jiranii fi duubatti hafaa jedhaman marti aadaa keessa turanii fi jiraataa jiran, akkuma sadarkaa guddina isaaniitti guddifachaa fi fooyyeffachaa adeemu malee kan tuffatanii gatan hin qaban. Isa beekuuf aadaan qabeenya guddaa kan dhaloota irraa dhalootaan dhaalamuu fi seenaa ummata sanaati. Qaroomaa fi guddinni marti, maddi isaa aadaa sabni sun qaburraa burqa. Aadaa ofii gatanii kan ormaa ergifachuun qaroomuu ykn guddachuun hin danda’amu, ykn ammoo eenyummaa ofii gatanii kan ormaan liqimfamuu ta’a. Kun ammoo aadaa dhablee ta’uun, aadaa saba biraan gabroomuudha. Odeefata bal'aaf....