Oromo Community of Las Vegas
Recent Photos
Upcoming Events
Google +1 Button
Waa'ee Hawaasa Oromoo Las Vegas
Nuti Oromoo dha, ilmaan Gadaa. Oromoon, uumata biyyaa, eenyummaa, aadaa, seenaa, afaan, duudhaa, safuu, sirna fi ilaalcha mataa isaa qabu uumata bal’aa dha. Sirni keenya sirna tokkummaa fi wali-qixxummaa ilma namaa irratti hundaa’e dha. Sirna Gadaa. Aadaan keenyaas safuu, ilaa-fi –ilaamee, kabaja uumaa fi uumaamaa, walii dhiisuu fi waliin jiraachuu, gaddaa fi gammachuu irratti wali faana dhaabbachuu duudhaa fi amala kan godhate dha. Hawaasummaa fi wali ta’uun nuuf waan haaraa miti. Kan keessatti dhalannee guddannee, kan akaakilee cehee nu bira gahe dha malee kan guyyaa keessa akka tasaa itti dhufne ykn nutti dhufe miti. Waliin jiraachuu, waliin kufanii ka’uu, tokkoomuu, kabajaa fi wali qixxummaa mirga dhala namaa saayinsii ammayyaa irraa miti kan barannee. Kan keessatti dhalannee guddanne, kan akaakilee fi abaabilee keenya irraa dhaalle dha malee. Aadaa , sirni, ilaalchi, duudhaa fi afaan keenya baay’inaan haala ammayyaa ta’een barreeffamee, qindaahee yeroo dheeraaf barreefamee osoo hin taa’iin haa hafu malee, sammuu maanguddoo keenyaa keessa kuusaa ta’ee jira. Dhalootaa dhalootattis bifa afoolaatiin darbaa dhufee kunoo nu bira gahe. Oromoon seeraa fi heera mataa isaa ni qaba. Kan ofii kalaqe, kan ofii isaa tume sirna qaba. Haariiroo dhala namaa kan cimsu akkasumas namni fi uumaan gara biraa akkaataa waliin jiraachuu danda’uuf seeraa maata isaa ni qaba. Burqaa, muka dhalattuu, ilmoo bineensaa, kkf safuu ni qaba. Dhalata guddatu ni kabaja, ni kununsa. Nama fi nama gidduutti wali dhibdeen yoo uumames adeemsa, seeraa fi duudhaa ittiin furu ni qaba. Namni yoo wali ajjeesse illee maatiin miidhamaa fi miidhaa daba tokko osoo wali irratti hin raawwatiin, akkataa nageenyaan waliin jiraachuu danda’aniif seeraa walitti araarsuu guddaa ni qaba.
Bara dheeraadhaaf garuu sirna bulchinsa Habashaa irraa kan ka’een waan qabnu kana hundaa dhabuuf dirqamamnee turre, baay’ee isaa dhaabneerras.Kan hafee har’a nu biraa gahes jabina abbootii keenyaaf, cimina sirna isaan ijaarani dha. Sirni keenya sirna cimaa osoo ta’uu dhaa baatee akkasumaaf abbootiin keenya eenyummaa isaanii irrattii laafoo osoo ta’anii raataani, eenyuummaan keenya rakkoo heedduu sana tarkaanfatee har’a gahuun isaa baay’ee shakisiisaa ture. Dhiibbaan kun har’as nu biraa hafeera jennee afaan guunnee dubbachuun nu rakkisa. Goototni keenya sirna keenya cabe, afaan keenya baduuf daandii irra bu’e, eenyumma keenya awwaalamuuf boolla irra gahe kana hambisuuf, sirna keenyaa, biyya keenya, afaan fi aadaa keenya hunda deebisuuf wareegama qaqqaalii haga lubbuu isaanii gaafatu kanfalani, har’as kanfalaa jiru. Dhiibbaa Oromoo irratti akka dhuunfaan ta’e akka gamtaat gahe/gahaas jiru kana hambisuuf tokkommuun murteessaa fi fala guddaa akka ta’e labsan. Dhaaba haawasaa fi siyaasaa adda addaas ijaaran. Artistooni keenya sagalee isaanii oli kaasani, bareechaanii rakkoo keenya labsan. Ittis lubbuu isaanii dhaban, hedduun manaa, maatii fi biyyaa isaanii duubatti dhiisani biyyaa bahani. Cunqursaa waan jibbaniif. Waa’ee saba isaanii sodaa malee waan dubbataniif. Har’a kallattii adda addaatiin Oromoon mirga isaaf iyyaa jira. Ittis miidhamaa, wareegamaa jira.
Nuti haawasni Oromoo Las Vegasi saba kanarra dhallanne, sirna kana keessattis dhalanne, aadaa kanaanis guddanne. Quuqaas qabna, madaa haaraas. Kaayyoon keenyaas Oromummaa irratti kan hundaa’ee laga, amantaa, ilaalchaan siyaasaan adda osoo wali hin qoodni, tokkummaa Oromoo ijaaruu dha. Tokkummaa keenya keessatti aadaa, sirna, duudhaa, afaan, seenaa keenya wali barsiisuu wali irraa baruu dha. Wali qixxummaa aadaa fi sirna keenya, sirna Gadaa, irraa barren wali qajeelchu, wali gaggeessuu darbees dhaloota keenya nu duuba jira barsisuu dha. Hawaasa Oromoo gara biraa jiran faanas dhimma Oromoo irratti marii fi hirmannaa godhuu dha. Walumaa galatti, hawaasni Oromoo Las Vegas, sirna Oromummaa ganamaa irratti kan hundeeffame, wali qixxummaa fi tokkummaa Oromootaa cimsuudhaan, aadaa , duudhaa, sirna, seenaa, afaan , safuu, Oromoo guudiisuufis ta’ee deebisuuf kan dhaabbattee, kan hojjetu dha. Rakkoo Oromoo irratti karaa naannawaan ta’ee kallattiin gahu irratti akkuma Oromoo kaanii dura dhaabbachuu falas barbaadu dha.
Nuti Ilmaan Gadaati. Oromoon sirna Gadaa jalatti tokko. Tokkummaan humna !
........................................................................................................................
Oromo community of Las Vegas is a non-profit community organization registered in the state of Nevada. Our objectives are centering the communication, interaction and mutual support for members and creating a ground for information exchange and joint work with other Oromo Community groups, and encourage our members through education and other social activities, appreciation of the Oromo people for their culture, language and heritage. Our effort is to maintain our unity, love and do all necessary support wherever needed for each and everyone of our Community members. We are also willing to do all vital assistance for all humanitarians whenever necessary as a Community.