Shopping Cart
Your Cart is Empty
Quantity:
Subtotal
Taxes
Shipping
Total
There was an error with PayPalClick here to try again
CelebrateThank you for your business!You should be receiving an order confirmation from Paypal shortly.Exit Shopping Cart

Oromo Community of Las Vegas

Hawaasa Ilmaan Gadaa

Yaa Gasam’alaa

Namicha tu nittii isaa hin amanu. Na duuba minaan koo hattee na duraa nyaatti jedhee shakka. Niitiin immoo amala isaa kana irratii agartee bay’ee itti aarteetti, mala ittin ifa baaftee itti himtu dhawatti.

Amma gaaf tokko hindaaqqoo qaltee majii ishee dhoksteeti. Majiin immoo kan abbaa warraa ti jedhama. Amma egaa majiin hindaaqoo baduun waan inni shakku san dhugaa taasiseefii akkas jedhee itti mammaake:

Yaa gasam’alee

Gatan malee, hatan malee

Billitiin hindaqqoo kudha lamaa

Amma egaa niitiin isaa barbaaddu argatte, majjii isaas gadi baaftee kenniteefii, akkas jettee gad teessiftee itti mammaakte:

Yoon nyadhes siifan nyadhee

Yoon kaa’es siifan kaa’ee

Billiitiin hindaaqqoo kudha lama

Yaa gasam’alaa, edaa ati hammanaa?

....................................................................................................

Jaartii Qorri Ajjeese!

Hintala tu sokkaa dhaquu dhaaf walii gallan haati jabeessitee eggattee dhowwatte. Garuu hintalli kun galgalaa geessee maal gootii, garaa na kaasaa tii amma kana ala na geessi jetteen haadhaan. Haati funyoo harkaatti keessee alatti geessite dhaxxee funyoo kana qabdee teessi. Hintalattin garuu siluma iyyuu hin sobde malee garaa kaasaan hin jirtu, funyoo jaartiidha gufuutii dirtee baatee jara duukaa sokkite. Jaartiin egaa funyoo gufuuti dirame sana hintalattii dhuma tu jira jettee yeroo harkiftu, gufuun achi harkisa. Iseen hintaluma tu jira seetee qorra kessa teessee eegdi. Booddee jarri fudhatanii sokkanii laga ce’anii gama yommu ga’an:

Irraa satat jalaa satat! Jaartii qorri ajjeese!

Jalaa satat jaartii qorri ajjeese!(4x)

Jedhannii gaafa isaan gama keessaa sirban dhageessee, jaartiin,’’ wayyoo intala koo tu sokke!” jettee fiigaa manatti ol deebitee yommuu ilaaltu:

Birriin sagal, wayyaan kudhan

Anaa qorii ajjeese!

Birriin sagal, wayyaan kudhan

Nayyuu qorii ajjeese!

Jettee jaartiin jar agama keessaa intalasee fudhatee sirbutti asii achi itti sirbite jedhan.

Dhagaa Bishaanii

Utuu baaburri biyya hin dhufin dubartoonni biyya keenyaa harka isaanittin minaan daaku turan. Yoo dhangaa hammam gahu qabaatan ille harka isaaniittin dhagaati daaku turan. Eerga baaburri bishaanii dhufee min’aan lagatti erganni daaksifachuu jalqabuun dubartooni keenya aara galfatan. Erga akkas barri derbeefii booda dubartiin tokko akkas jettee mammaakte:

Kan daaku dhagaa bishaanii. Kan baatu mataa isaanii

Kan nyaatu anaaf isaanii Erga daakuun laga ta’ee Ani raatuu tu nama ta’e Qamaacaa koos nanrigaddee Banaajaa koos nan filadhee.

...........................................................................