Oromo Community of Las Vegas
Recent Photos
Upcoming Events
Google +1 Button
Kaayyoo hawaasa Oromoo magaalaa Las Vegaas
Nu'i hawaasni Oromoo magaala Las Vegasitti argamnu jaarmiyaa bu'aa adda ta'e tokko malee hawaasicha aadaa fi duudha isaa akkasumas sanyii isaa akka sanyii dhala namaa tokkoof ta'utti kabachisiisuu fi eenyummaa isaa dhaloota irraa fuudhee dhaloota itti anuutti akka dabarsan kan taasisuudha. Haaluma kana fakkaatuun Hawaasa Oromoo kannen iddoo birootti argaman wajjiin wal-qunnamuun odeeffannoo fi sochii hawaasichaaf barbaachisu hundumaa keessattuu karaa barnoota, fayyaa fi hojii irratti jiraattota magaala Las Vegasitti argaman hundumaaf odeeffannoo barbaachisu sasabuun gargaarsa barbaachisu godhuuf Jaarmiyaa Dhaabbatee dha. Jaarmiyaan kun guutummatti kan xiyyeefatu Hawaasa Oromoo Kanneen magaala Las Vegas fi naannawa isaatti argaman yoo ta'uu, Fedhii Miseensota hundumaa seeraan kan eeguu fi seera ittiin bulmaataa isaa kan kabajisiisuudha.