Oromo Community of Las Vegas
Weedduu Waraanaa
Jibitti daalachoo
Eela buutee baatee
Itti hiiqxee hin tumattuu
Gad jettee hin murattuu
Meeqa duutee kaatee?
Maal ajjeesan, maal ajjeessan namoomuu?
Dhiira ajjeesan, dhiira gadhoomuu
Irraa hin dheessin biraa hin hafin
Yaa isa weennii jorooroo
Si muruu simuruu
Si muruu yaaqobboo
Yaa qobboo afaan yabbaa
Atillee hin addaannee
Addaatteefii mitii
Si furuu si furuu
Si furuu yaa obboo
Yaa obboo afaan dammaa
Atillee hin wal’aallee
Wallaalteefii mitii
Walille gargaarree
Akki weedduu lolaa
Darabee tu tolaa
Maal ajjeessan………
Sangaa fardaa hin qonnee
Cirriin gad ariitee
Abbaa manaa hin lollee
Niitiin gad ariitee
Buna dheedhii qallee
Soogidda irraanfannee
Arraa ijoollee keenyaa
Nutoo dheedhii cabnee
Boricha lubuu faa
Mooticha irraanfannee
Maal ajjeesan…..
Hoofaa kaasuu guutuu
Jimaata naa hin qartuu
Bada naatuu duutuu
Ifaata irraa hin haftuu
Maal ajjeesan…
Sangaan hidhaa kutee
Qotta moo hin cammaddaa
Yoo abban butaa dhufee
Abbaan butaa dhufnaan
Lolta moo hin baqqattaa?
Gaafa iyyeessi daaree
Gaafa iyyee walwaamee
Gaafa buusii foggii
Mee na buusii sokkii
Dheessaa gaara ejjuu
Bodeen keessa ejjuu
Yaa dheessaa gaaratti
Bodeen fagaarattii.
Maal ajjeesan
Tulluu gasii gubbaa
Gaafa guutuu injirtee
Yoo eeboon kash jedhee
Yoo dullaan qas jedhee
Naatu duutuun jirtii
Aarraa ijoolee keenyaa
Qotuuf illee hin qottaa
Babattee kee cabee
Loluuf illee hin loltaa
Amentee keen dhabee
Maal ajjeesan……
Fardi keelloo dheeduu
Eegee lafaan haraa
Namni yeelloo beekuu
Eegee namaan gala
Adurreen dorbdee
Biyya kootti hin daltuu
Magaal yaa abbaa fardaa
Lafoo fuutee baatee
Lafa buuftee kaatee
Biyya kootti hin galtuu
Maal ajjeesan….
Caalaa Disaasaa irraa!
***********************************************************